Skip to content

1. Daldaltoota Komishinii (Commercial Agents) Daldaltoonni komishinii jechuun namoota…

Price not stated
Open the post on TikTok
Sold byACCOUNTING TECH ACADEMY (ATA) (@accountingtechacademy)on TikTok

Details

Posted
14 Nov 2026
Location
Addis Ababa
Condition
Not stated

Description

1. Daldaltoota Komishinii (Commercial Agents) Daldaltoonni komishinii jechuun namoota ykn dhaabbilee oomishtoota ykn galchitoota bakka bu'uun meeshaalee gurguranii kaffaltii komishinii argataniidha. Daldaltoonni kun maallaqa gurgurtaa abbaa meeshaatiif dabarsu; galiin isaanii komishinii argatan qofa. Fakkeenya: Gatii meeshaa gurgurame 1,000,000 ETB yoo ta'ee, komishiniin 5% yoo ta'e: 1,000,000 × 5% = 50,000 ETB Kanaaf, bu'uuri AMT galii komishinii 50,000 ETB dha; gatii gurgurtaa waliigalaa miti. 2. Dhiyeessitoota Gurgurtaa Gurguddoo (Wholesale Distributors) Daldaltoonni hayyama gurgurtaa gurguddaa qaban oomishtoota ykn galchitoota irraa meeshaalee bitanii daldaltoota biroof gurguru. Yoo oomishtaan ykn galchaan isaanii waliin dhibbeentaa Margin waliigalteen murteesse, AMT'n dhibbeentaa Margin sana irratti hundaa'uun shallagamuu danda'a. Fakkeenya: Gatii gurgurtaa 2,000,000 ETB fi Margin waliigalteen murtaa'e 8% yoo ta'e: 2,000,000 × 8% = 160,000 ETB Kanaaf, bu'uuri AMT Margin 160,000 ETB ta'a, yoo waliigalteen fi ragaan barbaachisu mirkanaa'e. 3. Sanadoota Barbaachisoo Daldalaan bu'uura Commission ykn Margin irratti AMT shallachiisuuf sanadoota armaan gadii dhiyeessuu qaba: Waliigaltee daldalaa. Invoice bittaa (Purchase Invoice). Invoice gurgurtaa (Sales Invoice). Waliigaltee Commission ykn Margin. Ragaa kaffaltii fi galmee herregaa. Qaamni gibira bulchu yeroo Tax Audit sanadoota kana wal bira qabee sakatta'a. 4. Yeroo Waliigalteen Cabu ykn Ragaan Hin Jirre Yoo sanadoonni dhiyaatan gurgurtaan waliigaltee irratti hundaa'uun raawwatamuu isaa mirkaneessuu baatan, ykn daldalaan waliigaltee cabsuun gatii waliigalteen ala ta'een gurgure, AMT'n bu'uura gurgurtaa waggaa (Annual Turnover) irratti hundaa'uun shallagamuu danda'a. Gibirri duraan kaffalame irra deebi'amee shallagamuu fi garaagarummaan jiru akka kaffalamu taasisuunis ni danda'ama. Xumura: Daldaltoonni waliigaltee, invoice fi galmee herregaa sirnaan qabachuun bu'uura gibiraa sirrii ta'e mirkaneessuu qabu. Madda Seeraa: Dambii Gibira Galii Fooyya'aa Lakkoofsa 597/2019.

Meet the seller in a safe place and check the item before you pay.

See all 3,111